Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Lidataatti iddoon tursiisa taabootaa dirree Machaaree qulqulleeffame

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC)-Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lidataatti iddoon tursiisa taabootaa dirree Machaaree qulqulleeffameera.
Duula qulqulliinaa kana irratti abbootiin amantaa garaagaraa fi hawaasni naannichaa hirmaataniru.
Ayyaana Cuphaa sababeeffachuuni dirreen Machaaree kan qulqulleeffame.
Duula qulqullina kana irratti kan argaman Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay, ayyaanni kun kan hunda keenyaati Ityoophinoonni ayyaanota waliin kabajuuf muuxannoo qabu jedhaniiru.
Ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramuuf jiraattoonni magaalichaa akkuma baratamee tumsa akka taasisaan obbo Zhaanxiraar waamicha dhiyeessaniru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.