Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalichaatti  piroojektoonni Birrii miiliyoona 298 oliin hojjetaman eebbifaman

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaatti piroojektoonni 156 Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoon 98 oliin hojjetaman eebbifaman.

Saganticharratti Ittaanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaay dabalatee hoggantoonni olaanoon biroon argamaniiru.

Ijaarsi dhaabbilee barnootaafi fayyaa, sheediiwwan, bakkeewwan ispoortii, addabaabaayii miidhagsuu, hojii ittisa balaa lolaafi kanneen biroon xumuramuun tajaajilaaf banamuu eerameera.

Piroojektoonni kunneen hawaasa fayyadamoo kan taasisan, ijaarsi isaanii qulqullinaan kan hojjetame ta’uu ragaan kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.