Fana: At a Speed of Life!

Kutaalee Bulchiinsa Ameerikaa 2 keessatti Obomboleessa mudateen lubbuun namoota 26 darbe

Finfinnee, Bitootessa 17, 2015 (FBC) – Kutaalee Bulchiinsa Ameerikaa Miisiisiippii fi Albaamaa keessatti Obomboleessa cimaa mudateen lubbuun namoota 26 darbuu gabaafame.

Obomboleessa cimaa Jimaata darbee eegalee mudateen lubbuun namoota 26 darbuu gabaafameera.

Bulchiinsa Miisiisiippiittj magaalli Rooliing Foork Obomboleessichaan barbaadaa’uu eerameera.

Obomboleessi kun sa’aatiitti Kiiloo Meetira 265 hanga 320 imala jedhame.

Balicha hordofee Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan labsii yeroo ariifachiisaa labsuu isaanii CGTN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.