Fana: At a Speed of Life!

Kutaalee hawaasaa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’anirratti qorannoo bal’inaan gaggeessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti  kutaalee hawaasaa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’anirratti qorannoo bal’inaan gaggeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame.

Kutaalee hawasaa amalli hojii isaanii vaayrasichaaf saaxilamoo isaan taasisuuf qorannoon godhamu cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gaaffiif deebii viidiyoo konfaransiin ogeeyyii miidiyaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Keessattuu kutaalee hawaasaa naannoo vaayrasiin kun itti muul’ate keessa jiraataniif qorannoon bal’inaan kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Qorannoo kana bifa addaan Hospitaaloota dabalatee buufataalee fayyaatti gaggeessuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Meeshaalee yaalaa fi dhimmoota walqabatan biroo guutuuf koree biyyaalessaa maallaqaa fi dhiyeessii walitti qabuuf hunda’e waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kan himan Dooktar Liyaan, hawaasni tumsa isaa cimsee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.