Fana: At a Speed of Life!

Kutaan magaalaa Qiirqoos lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Birrii miiliyoona 12 ol walitti qabe

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Kutaan magaalaa Qiirqoos lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 12 fi kuma dhibba 7  walitti qabuu ibsame.

Kutaan magaalichaa lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deeggaruuf sagantaa  galii walitti qabuu Hoteela Ityoophiyaatti qopheessuu hojii gaggeessaa olaanaan kutaa magaalichaa obbo Zamanuu Dassaalany ibsaniiru.

Guyyaa har’as sagantichaan abbootii qabeenyaa kutaa magaalichaarraa Birrii miiliyoona 12 fi kuma dhibba 7 walitti qabamuu ibsameera.

Sagantichaan caalbaasiin Giift Riil Isteet calbaasii suuraa Muummee Ministeera Abiy Ahimad Birrii miiliyoona 1 bitachuu fi Dhaabbanni Dhuunfaa Dastaa jedhamu diizaayinii ijaarsaa dabalatee baasii Birrii miiliyoona 10 fi kuma dhibba 5 mana barnootaa barbadaa’e ijaarsisuuf waadaa galuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.