Fana: At a Speed of Life!

Kuwaatar karaa Misooma Fandii ishee meeshaalee wal’aansaa fayyaa toonii 9 Ityoophiyaaf gumaachite

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –– Ittisa Vaayiresii Koroonaaf Kuwaatar karaa Misooma Fandii ishee meeshaalee wal’aansaa fayyaa toonii 9 Ityoophiyaaf gumaachite.

Xiyyaarri Kuwaatar meeshaalee vaayrasii koroonaarraa of ittisan haguuggii fuulaa dabalatee fe’uun gara Ityoophiyaatti fidaa akka jiru beekkameera.

Kuwaataritti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Saamiyaa Zakkaariyaan fi Daayrektarri Fandii Misooma Kuwaatar meeshaalee kanneen bakkatti argamuun feesisaniiru.

Yeroo Rakkoo kanatti biyyattiin Ityoophiyaa deeggaruu isheefis Imbaasiin Ityoophiyaa biyyasanatti argamu galateeffachuu ragaan fuula Feesbuukii Imbaasichaarra argame ni muldhisa.

Kun walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii cimaa akka ta’e mul’isas jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.