Fana: At a Speed of Life!

Laabraatooriin ammayyaa nageenya nyaatarratti hojjetu hojii eegale

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Laabraatoorii ammayyaa nageenya nyaataa eegu eebbisiisuun hojii jalqabsiise.
Laabraatoorichi guyyaa har’aa eebbifamuun ifatti hojii eegaleera.
Laabraatooriin kun dhibeewwan Bishaaniin dhufanii fi dhibeewwan weerara bishaniirratti xiyyeeffachuun qorannoo gaggeessa jedhame.
Ijaarsa laabraatootii ammayyaa kanaaf birrii miiliyoonni 7 baasii ta’uu daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Eebbaa Abaatan ibsaniiru.
Laabraatoorichi Ityoophiyaatti laabraatoorii jalqabaa nageenya nyaataarratti hojjetu ta’uu ragaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.