Fana: At a Speed of Life!

Laabraatooriin qorannoo nyaataa eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa nageenyaa fi qulqullina nyaataa to’achuuf Laabraatoorii qorannoo nyaataa Birrii miiliyoona 45 oliin ijaarsiise eebbisiiseera.
Laabraatoorichi nageenyaa nyaataa qorachuun qulqullina isaa mirkaneessuuf dandeettii qaba jedhame.
Kutaa laabraatoorii cimsuun nageenyaa fi qulqullina nyaataa to’achuun fayyaa hawaasaa eeguun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Laabraatoorichi nyaataalee biyya keessatti oomishamanii fi qindeeffaman akkasumas, kan alaa galan qulqullinaa fi nageenyummaa isaa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Akka EBCn gabaaseetti eebbifamuun Laabraatoorii kanaa biyyattiitti qulqullinaa fi nageenya nyaataa qorannoon mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu Daayreektarri Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa aadde Heeraan Garbaa ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.