Fana: At a Speed of Life!

Laaligaa Ispeeniin edana taphoonni lama gaggeeffameera

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – Laaligaa Ispeeniin Giraanaadaan yoo moo’atu, Kooppaa Itaaliin Juuveentus xumuraaf ga’e.
 
Dirree isaarratti Geetaafee kan keessummeesse Giraanaadaan goolii Daakoonaamii fi Fernaandeez galchaniin 2-1 injifateera.
 
Goolii moo’atamuu jalaa isaa hin oolchine Tiimoor Geetaafeef tokko galcheera.
 
Taphni Vaaleenshiyaa fi Leevaantee gidduutti taphatame 1 qixaan xumurameera.
 
Taphoonni Laaligichaa torbee kanaa har’aaf boruu ni taphamu.
 
Oduu biroon taphni deebii walakkaa xumuraa Kooppaa Itaalii edana taphameera.
 
Taphni deebii Juuveentusii fi AC Miilaan walitti fidu goolii malee qixaan xumurameera.
 
Taphataan sarara fuulduraa AC Miilaan Antee Reebich daqiiqaa 16ffaatti kaardii diimaan dirreerraa ari’ameera.
 
Tapha kanaan Kiristaanoo Roonaaldoon rukuttaa adabbii bilisaa qoleera.
 
Yaa ta’uutii dirreen ala abbaa goolii lakkoofsiseen Juuveentus xumuraaf darbeera.
 
Tapha marsaa duraan dirree AC Miilaanirratti 1 qixa xumuruun isaan kan yaadatamuudha.
 
Juuveentus mormicha yeroo 13 moo’achuun seenaa olaanaa qaba.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.