Fana: At a Speed of Life!

Laayibeeriyaatti dargaggoon Birrii miiliyoona 2 ol lafaa argee abbaaf deebise badhaafame

Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Preezdantiin Laayibeeriyaa Joorj Wihaa dargaggoo umrii 18 doqdoqqee oofu Birrii miiliyoona 2.2 lafaa argeen abbaaf deebise ofitti waamuun Doolaara kuma 10 fi doqdoqqee haaraa lama badhaasan.

Dabalataan, badhaasa kabajaa guddaa biyyattii badhaasuuf akka jedhan himaniiru.

Dargaggoo Imaanu’el Toluwee  Barumsa isaa kutaa torba irraa adda kutuun doqdoqqee oofuun galii argatuun jiraata.

Dargaggoon kun dhihoo kana dubartiin tokko Doolaara kuma 50 (Birrii Ityoophiyaa miiliyoona 2.2 ol) jalaa bade argee isheetti deebiseera.

Kanaanis guddaa jajame.

Dubartiin kunis Birrii fi meeshaalee walumatti Doolaara 1500  dargaggoo kana badhaafteerti.

Preezdantiin biyyattii ofitti isa waamanii guddaa jejuu fi dargaggoof fakkeenya taate jedhanii galateeffataniiru.

Hojii isaa kanaan dargaggoon kuni goota biyyaa ta’eera.

Badhaasa preezdantiirraa argateen alatti hanga yuunvarsiititti baratee xumurutti carraan barnootaas kennameefiira.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.