Fana: At a Speed of Life!

Labsii eksaayz taaksii ilaalchisee hawaasaaf hojiin hubannoo uumuu akka kennamu Ministeerri Galiiwwanii beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) –Labsii eksaayz taaksii ilaalchisee hawaasaaf hojiin hubannoo uumuu akka kennamu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Eksaayz taaksii sababa godhachuun qaamoleen tokko tokko gatii hin malle dabaluuf socho’aa akka jiran ni mul’ata kan jedhan Ministirri Deettaan Ministira Galliwwanii obbo Zamadee Tafarraa hawaasni meeshaalee eksaayz taaksiin irra kaa’amee fi bilisa ta’e hubachuun qaamolee gatii hin barbaachifne dabala akeekkachisu akka qaban beeksisaniiru.

Eksaayz taaksiin meeshaalee hanga tokkorratti bakkatti oomishamu, bakkatti  gurguramuu fi yeroo faayidaarra oolutti taaksi kaffalamudha jedhaniiru.

Meeshaaleen fi tajaajjilli eksaayz taaksin irra kaa’amu meeshaalee baacaa, meshaalee miidhaa qaqqabsiisaniisan ta’u hubachiisaniiru.

Sababiin eksaaayz taaksiin irra ka’aamuf galii walitti qabuuf, fayyaa hawaasaa eeguuf, taaksi meeshaalee baacaa abbootiin qabeenyaa fayyadamanirra walitti qabuun hojiiwwan misooma hojjechuufi jedhan.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.