Fana: At a Speed of Life!

Lafa heektaaraa miiliyoona 2 olirratti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamaa jira- Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Lafa heektaaraa miiliyoona 2 fi kuma 500 olirratti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Hojiin misooma sululaa naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Beenishaangul Gumuzitti eegale guyyaa boruu naannoo uummattoota Kibbaatti kan eegalu ta’uu ministeerichi ibseera.

Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa jalqaba baatii Amajjii eegale kun mata duree “ Jijjiirama qabeenya qilleensaa fi nageenya keenya irree keenya gamtoomeen” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Wagga waggaan baatii Amajjii keessa hojii kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamuuf leenjiirraa eegalee qophii ga’aan taasifamuu ministeera Qonnaatti Daayrektarri Kunuunsaa fi Itti Fayyadama qabeenya uumamaa Tafarraa Taaddasaa ibsaniiru.

Bakkeewwan biyyattii garaagaraa keessatti haphachaa dhufuu qabeenya uumamaa hirdhisuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamuu eegaluu ibsaniiru.

Hojii eegumsa qabeenya uumamaa lafa heektaara miiliyoona 2 fi kuma dhibba 5 olirratti hojjetamu dabalataan lafa heektaara miiliyoona 1 fi kuma dhibba 8 irratti hojiin haaromsaa kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Hojii eegumsa qabeenya uumamaa guyya guyyaan hojjetamu kanarratti lammiileen miiliyoona 13 ol irratti kan hirmaatan ta’uu himaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.