Fana: At a Speed of Life!

Lafa Oromiyaa hunda iddoo tokkootti teeknolojiin to’achuuf hojjetamaa jira – BLO

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015 (FBC) – Naannoon Oromiyaa, lafa naannichaa hunda iddoo tokkotti teeknoloojiin to’achuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Lafa Oromiyaa beeksise.

Oromiyaa keessatti cittuun lafaa tokko osoo hin hafiin, lafti hunduu safaramee teeknoloojiin iddoo tokkotti akka to’atamuu gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Lafaa Oromiyaa Obbo Guutaa Laachoree himaniiru.

Sirni kaadastara ammayyaa’aan jiraachuu baannaan qubannaan uummataa, bu’uuraaleen misoomaa, kenniinsa tajaajila hawaasaa, babal’inni magaalotaa, siyaas-dinagdee naannoo faayidaa hin qabaatu jedhan obbo Guutaan.

Lafti akka madda diinagdee isa olaanaa tokkooti waan ilaalamuuf, magaalattis ta’e baAdiyyaa keessati sirna kaadastara baadiyyaa fi magaalaa hojjirraa olchuun, lafa qabnu hunda safaruun teeknoolojiin hoggannee dhaaltoota itti aanuutti ceesisuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jira jedhan.

Odeeffannoo qabiyyee lafaa tokko tokkoon eessatti akka argamu , eenyuun akka qabame, yoom akka galmaa’e , maaliif akka galmaa’e,eenyuu akka galmeesse, akkamiin akka qabame, hangam akka qabame galmeessuun hogganuun dirqama jedhan.

Mormiifi falmii lafa waliin walqabatee jiru hambisuu, abbaan qabiyyee lafaa qabeenya ofii irratti amantaa guutuu akka qabatu gochuufi galii mootummaa dabaluu keessatti Kaadasterri faayidaa olanaa qabachuu himaniiru.

Kaadastarri ragaa amanamaafi ammayyaa ta’uu, hawaasni beeke qabiyyee isaa Waajjira Lafaa naannoosaatti argamu deemee akka galmeessatu obbo Guutan dhaamuusaanii ragaan Biiroo Lafa Oromiyaarraa argame ni mu’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.