Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsa hoji dhabdummaa dargaggoota ogeeyyii fayyaa hir’isuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Yaa’iin yaala fayyaa waggaa 56ffaa fi agarsiifni fayyaa idil addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’iin yaala fayyaa waggaa 56ffaa fi agarsiifni fayyaa idil addunyaa mata duree “dargaggoota ogeeyyi fayyaa ga’oomsuun tajaajila fayyaa guddisuu’ jedhuun Finfinnee Hoteela Skaay Laaytitti gaggeeffamaa jira.

Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa yaa’icharratti argamuun haasaa baniinsaa taasisaniin dargaggoota ogeeyyii fayyaa hoji dhabaa gara hojiitti galchuuf biiroowwan fayyaa naannoo waliin ta’uun hikuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.

Mindaan ogeeyyii fayyaa ispeeshaaliistii naannoorra jiran wajjira federaalaan akka uwwifamuu fi baajata naannooleen kanaaf qabaan ogeeyyii fayyaa haaraaf akka oolu taasisudha jedhan.

Yaa’ichi guyyaa sadiif kan itti fufu yoo ta’u, ajandaa garagara irratti ni mari’atama.

Mattaagas Aayyalinyitu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.