Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii fi du’an ariitiin dabalaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii fi du’an ariitiin dabalaa jira jedhame.

Guyyaa kaleessaa qofa bulchiinsa Huwaan, magaalaa Hubeey bakka weerarri vaayrasiin kun jalqaba argametti namoonni 242 du’aniiru.

Lakkoofsi kun weerarichi erga uumamee jalqabee guyyaa tokkotti lakkoofsi namoota du’anii isa olaanadha jedhame.

Namoota du’an qofa otuu hin taane namootni vaayrasichaan qabamaa jiran ariitiin dabalaa jiraachuun himameera.

Hubeeyitti kanaan dura qorannoon namoota vaayrasichaan qabamaniif taasifamu sakatta’iinsa nukiliik asiidii ture.

Yeroo ammaa kana garuu bu’aa siitii iskaaniin namoonni somba isaaniirratti miidhaan muldhate hojiin adda baasuu hojjetamuu eegalameera.

Chaayinaatti namoonni vaayrasichaan du’an gara 1350tti yoo guddatu namoonni haaraan qabaman ammoo kuma 60 ga’eera.

Kun ta’ee otuu jiruu Chaayinaan aanga’oota adeemsa ittisa vaayrasichaatin walqabatee itti gaafatamummaa isaanii haalan hin ba’anne jette hojjiirraa gaggeessite namoota biroo muuddetti.

Yeroo ammaa kana Hubeeyitti namoonni vaayrasichaan qabaman 48,206 guutaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.