Fana: At a Speed of Life!

Lakkooftuun karaa seeraan alaa namoota dhuunfaaf gale 17 to’atame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC) – Lakkooftuun tajaajila Elektirikaa karaa seeraan alaa namoota dhuunfaaf gale 17 to’atamuu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Lakkooftuuwwan kunneen magaalaa Finfinnee naannawaa Garjii iddoo addaa Horiisa Booyyee jedhamuun waamamutti to’atamuu tajaajilichi ibseera.

Lakkooftuuwwan karaa seeraan alaa hidhamuun harkaaf harkaa to’ataman kunneen Birrii kuma 343tti kan tilmaamaman ta’uu ibsameera.

Poolisiin hojmaata seeraan alaa kanarratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu ragaan taaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.