Fana: At a Speed of Life!

Lammii Indooneezhiyaa luka lukkuurra kophee hojjete

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Dargaggoon lammii Indooneezhiyaa gogaa luka lukkuurraa kophee hojjeteera.

Indooneezhiyaatti jiraataa magaalaa Baanduuk kan ta’e Nuurmaan Fariyeekaa dargaggoo umrii waggaa 25ti.

Dargaggichi gogaa luka lukkuu fayyadamuun kophee hojjeteera.

Abbaan Fariyeekaa gogaa luka lukkuurraa kophee akka hojjetuuf yaada dhiyeessafii ture.

Innis gorsa abbaasaa fudhachuun bara Faranjootaa 2017 yeroo jalqabaaf gogaa luka lukkuurraa kophee hojjeteera.

Gogaan luka lukkuu gogaa bofaa fi naachatiin walfakkaata.

Amala shaakarrraa’aa waan qabuuf.

Fariyeekaa fi abbaa isaa dabalatee namoonni 5 hojicha hojjetaa jiru.

Namoonni kanneen amma guutumaa guututti gogaa luka lukkuurraa kophee hojjetaa jiru.

Kophee takka hojjechuufis lukkuu 45 akka gaafatu ibsu.

Kophichi wayita gabaarra oolu gatii Doolaara 35 hanga 40 baasuu danda’a jedhameera.

Kophichis maamiltoota biratti jaalatamuu dargaggichi ibseera.

Maddi:-Rooytars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.