Fana: At a Speed of Life!

Lammii Turkii lafa gammoojjii gara Bosonaatti jijjiire

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Lammiin Turkii Hiikmaat Kaayyaa Biqiltuuwwaan miiliyoona 30 dhaabuun lafa Gammoojjii gara Bosonaatti jijjiiruu danda’e.

Namni dhuunfaan kun Bulchiinsa Bosonaa Turkii keessaa sooramaan erga gaggeeffamee ogummaa bara hojii isaa gabbifateen jiraattoota qindeessuun dhiyeenya magaalaa Siinoopitti biqiltuuwwan miiliyoona 30 dhaabuu isaa Barruun Vaayiraal Baandiiti jedhamu fuula isaarratti baaseera.

Namni kun waggoota 19’f biqiltoota dhaabe kanneen kunuunsaa turuun lafa duwwaa ture Bosonaan uwwisuu danda’eera jedhame.

Misooma Bosonaarraatti cimanii hojjechuun faayidaa olaanaa kan argamsiisu ta’uu Hiikmaat mirkaneesseera.

Turki uwwisa bosonaa waliigalaa duraan qabdurraa yeroo ammaa % 5.4 hir’achuu ‘World Forest’ gabaaseera.

Ciramiinsi bosonaa mancaatii kanaaf sababa olaanaa ta’uus eereera.

Yeroo ammaa biyyoonni akka Gaanaa, Chaayinaa fi Hind biqiltuu dhaabuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu barruun Vaayiraal Baandiit ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.