Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee alaarratti xiyyeeffachuun namoota yakka saamichaan shakkaman irratti qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC) – Lammiilee alaarratti xiyyeeffachuun namoota gareen gurmaa’anii yakka saamichaa raawwachuun shakkaman irratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Ibsa poolisiin Faanaa Broodkaastiing Koorporetiif ergeen nagaan ooltee buluun magaalaa Finfinnee kan hirriba isa dhorke gareen shororkeessaa ABUT yaaddoo uumuuf odeeffannoowwan sobaa tamsaasu dabalataan qaamolee gocha badiisaa raawwatan qindeessuun bobbaasuu ibseera.

Ergama badii shororkeessummaa isaa raawwachiisuuf dhalattoota Tigraay qindeessuun yakka saamichaaf bobbaasuun isaa bira ga’amuu ibseera.

Gocha kana raawwachuuf socho’aa kan turan namoonni 24 to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera.

Shakkamtoonni kunneen manneen saamicha raawwatanitti miidhaa qaamaas qaqqabsiisuu Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayreektarri Qorannoo yakkoota adda addaa fi gurmaa’aa Komaandar Amaayyoohu Ayaalqee ibsaniiru.

Yakka raawwatame Ityoophiyaa fi biyyoota kanneen gidduutti waldhabee uumuu fi maqaa gaarii magaalichaa baleessuuf kan kaayyeeffame ta’uu himaniiru.

Namoota ukkaamsuun miidhaa qaqaabsiisaa turuu eeraniiru.

Shakkamtoota kanneen keessatti namoonni kana dura yakka walfakkaatan raawwachuun adabbiin hidhaa waggaa 15 hanga 20 itti murta’ee mana hidhaa miliqanii ba’an jiraachuu Komaandarichi ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.