Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa Raashiyaa fi Beelaaruus jiraataan haasaa preezdaanti Tiraamp ilaalchisuun ibsa eejjannoo baasan

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (FBC) – Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa Raashiyaa fi Beelaaruus jiraatan haasaa preezdaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp ilaalchisuun ibsa eejjannoo baasaniiru.

Tiraamp tibba kana Gibtsiin Hidha Haaromsaa Guddicharratti haleellaa qaqqabsiisu dandeessi jechuun isaanii ni yaadatama.

Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa Raashiyaa fi Beelaaruus jiraataan kunneen ammoo hogganaa biyya tokkoorraa haasaa hin eegamnedha jedhaniiru.

Haasaan isaanii hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa hin maadaluu jedhaniiru.

Haasaan preezdaantichaas aadaa fi birmadduumma biyya keenyaarratti waamichaa halleellaa labsuu ta’uusa ni hubbanna jedhaniru.

Ibsa isaaniin marii mootummaan mata duree ‘rakkoo Afrikaanootaaf furmaati Afrikaanoota’ jedhuun eegalee faayiida biyyootaa karaa eegeen akka xumuramuuf tattaaffi eegalee cimsee akka itti fufuu ni gaafanna jedhaniiru.

Jiraattota biyya keenyaa hundaaf haleellaa adaa fi birmaduumma keenyaatti dhufee mootumma cina dhaabbachuun tokkumma keenyaa cimseene ofirraa qolachuu qabnaan waamicha dhiiyesaaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.