Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee iddoolee garaagaaraarraa buqqa’aniif deeggarsi itti fufiinsa qabu ni barbaachisa – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinara Olaanaa Dhimmoota Godaantootaa Filiippoo Giraandee waliin mari’ataniiru.

Qabiinsa godaantootaa, Adeemsa kenniinsa deeggarsa fi bulchiinsa gondaantootaa ilaalchisee marii taasiisaniiru.

Haala qabatamaa amma Ityoophiyaa jiruun kutaa hawaasa rakkoolee garaagaraaf saaxilamoo ta’aniif deeggarsa dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Godaantoota iddoolee garaagaraa jiraataniif deeggarsi dhiyaatu dabaluu akka qabu eeraniiru.

Rakkoolee yeroo itti aanu muudachuu danda’u ittisuuf hirmaannaa waloon kan barbaachisu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Itti aanaa Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.