Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Itiyoophiyaa 310 Liibaanosirraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Amajjii 11, 2017 (FMC)- Lammiileen Itiyoophiyaa Liibaanositti haala rakkisaa keessa turan 310 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Lammiileen kunneen Wiixata darberraa eegalee gara biyyaattii kan deebi’an yoo ta’u deebitoota keessaa 301 dubartoota yoo ta’an 9 ammoo daa’imman ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin Lammiileen Itiyoophiyaa 99 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyatti deebifamuun ibsameera.

Deebitoota kanneen keessaa 83 dubartoota, sadii dhiirotaa fi 13 ammoo daa’immaan reef dhalatan ta’uun eerameera.

Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuufiin hojiin maatii waliin quunnamsiisuu hojjetamuun ibsameera.

Ebla 2016 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetamaa jiruun lammiileen kuma 89 fi 898 gara biyyaatti deebi’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.