Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Ityoophiyaa kuma dhibba 1 fi kuma 20 gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa baqannaarra jiran kuma dhibba 1 fi kuma 20 gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Muummee Ministira beeksise.

Hojiin deebisanii dhaabuus hojjetamaa jira jedhameera.

Lammiileen Ityoophiyaa baqannaarra jiran kumni dhibbi 1 fi kumni 20 gara biyyaa akka deebi’anii fi hojiin deebisaanii dhaabuu itti fufiinsan hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan Seekreetariiyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa FDRI obbo Nigusuu Xilahuun ibsa har’a laataniin dubbataniiru.

Obbo Nigusuun ibsa isaaniin, muummeen ministiraa kanaan dura biyyoota Afrikaa, Ameerikaa fi Awrooppaatti argamuun lammiilee Ityoophiyaa hedduu waliin haala rakkoo isaanii hiikuun danda’amurratti marii taasisaniiru jedhan.

Marii godhameen bu’aan hedduun argameera jedhan.

Lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa, Sudaan, Gibtsii fi biyyoota birootti mana hidhaa keessa turan baasuun gara biyyaatti akka deebi’anii fi deebisanii dhaabuuf hojiin bu’aa qabeessa ta’e hojjetamuu obbo Nigusuun ibsaniiru.

Biyyattii keessatti haala mijataa uumuun lammiilee baqannaarraa baraaruu fi iddoo jiranitti rakkoolee isaan qunnaman furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Obbo Nigusuun hanga ammaatti hojii diippiloomaasii hojjetameen lammiileen kumni dhibbi 1 ol gara biyyaa akka deebi’an taasifameera jedhan.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa boruutii eegalanii guyyoota sadiif Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti daawwannaa kan taasisan ta’uus obbo Nigusuun dubbataniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.