Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Soomaaliyaa miiliyoonni 3 deeggarsa barbaadu- Dhaabbata Mootummoota Gamtooman

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Lammiileen Somaaliyaa miiliyoona 3 ta’an deeggarsi Doolaara Ameerikaa biiliyoonni 1 akka barbaachisu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Kaayyoon deeggarsichaa baatidhaan namoota miiliyoona 2.1 ta’aniif deeggarsa nyaataa dhiyeessuu, daa’imman kumni dhibbi 3 ol barnoota akka baratan, namoonni miiliyoona 2.5 ammoo deeggarsa fayyaa akka argataniifi.

Dabalataan namoota miiliyoona 1.2 ta’aniif bishaan dhugaatii waliin dhiyeessuu fi namoota miiliyoona 1.24 ta’aniif ammoo meshaalee garagaraa dhiyeessuuf kan ooludha.

Deeggarsichi miidhaa koorniyaarra ga’u hir’isuuf kan yaadame.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman lammiileen Soomaaliyaa walakkaadhaa ol hir’ina nyaataaf saaxilamuu ibseera.

Kanaaf deeggarsichi lammiilee Soomaaliyaa hir’inaa nyaataf saaxilaman, akkasumas dhiyeessii fayyaa fi biyya keessaa fi alaa buqqa’anii deebi’an dhaabuuf kan gargaarudha jedhameera.

Maddi: CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.