Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Beeruut mootummaa mormuuf daandiitti ba’an

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Lammiileen Beeruut mootummaa mormuuf daandiitti ba’an.
 
Guyyaa kaleessaa lammiilee mootummaa mormuuF daandiitti ba’anii fi qaamolee nageenyaa Liibaanoon gidduutti walitti bu’iinsi uummamuu himameera.
 
Qondaaltoonni nageenyaas gaazii ija boochisu namoota kanneen irratti dhukaasaa turaniiru jedhame.
 
Lammiileen kunneen dhoo’insa guddaa guyyaa Kibxataa mudatetti sababeeffachuun hiriira ba’uu isaanii ibsameera.
 
Akka anga’oonni biyyattii jedhanitti sababni dhoo’insa kanaa, keemikaala Amooniiyeem Naayitireetii toonii kuma 2 fi 750 ta’u of eeggannoo malee kuufamee tureedha.
Lammiileen Liibaanos, 137 balaa dhoo’insa Kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru.
Namoota kuma 5 ol irra miidhaa cimaa fi salphaan qaqqabeera.
 
Manneen jireenyaa,daldalaa fi qabeenyi hedduun barbadaa’aniiru.
 
Namoonni as buuteen isaanii hanga ammaatti hin argamnes hedduu ta’uu dubbatameera.
Lammiileen biyyattii balaa qaqqabe kanaafis mootummaa hadheeffatanii komataa jru.
 
Miidiyaan mootummaa biyyattii akka gabaasetti, dhoo’insa kanaan walqabatee namoonni 16 to’annoo jala oolaniiru.
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.