Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen biyya keessaa fi alaa karaa seeraan alaa daddabarsa maallaqaarratti hirmaataan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC)- Lammiileen biyya keessaa fi alaa karaa seeraan alaa daddabarsa maallaqaarratti hirmaataan to’annaa jala oolaniiru.

Koomishinii Poolisii Federaalaatti daayrektarooktireetiin qorannoo yakkaa faayinaansii fi daldalaa, diivizhinii qorannoo yakkaa daddabarsaa maallaqaa seeraan alaa shakkamtootaa maallaqaa qopheessuu, itti fayyadamuu fi daddabarsuun shakkamaan irratti qorannoo taasisaa jiraachuu ibsameera.

Qorannoo poolisiin taasiseen noottii Birrii jijjiirramee kuma dhibba 1 fi kuma 74 fi 350 akkasumas Birrii sobaa Ityoophiyaa kuma 605 fi 550 qopheessuun, itti fayyadamuu fi daddabarsuun shakkamaan namoota dhuunfaa irratti galmee 7 gurmeessuun qulqulleessaa jiraachuu ibsameera.

Poolisiin yakkicha waliin walqabsiisee shakkamtootaa 8 to’annaa jala jala oolcheera.

Haaluma walfakkaatunis magaalaa Finfinneetti Doolaarri Ameerikaa kumni 99 fi 852, Diraamiin kumni 3 fi 555, Yuuroon 210, Riyaaliin kumni 2 fi 553, maallaqni Sudaan kumni 5 fi 495, maallaqni Eertiraa Naaqifaan, kuma 1 fi 800, Raandii Afrikaa kibbaa 500, Birriin kumni dhibbi 4 fi kumni 74 fi 500 ol sakattoo taasifameen to’annaa jala ooluu ibsameera

Poolisiin dhimmichaan walqabsiisee galmeewwan 10 gurmeessee qulqulleessaa kan jiru yoo ta’u, qorannoo dabalataa taasiseen doolaaraa Ameerikaa sobaa kuma 14 fi 800 fi maallaqa Hindi kuma 1 ol nama dhuunfa qabatee argamee 1 to’annaa jala olchuu ibsameera.

Namoota lammummaa Laaybeeriyaa qaban 2 fi lammuummaa Kaameeruun qaban 2 magaaloota Finfinnee fi Jimaatti maallaqaa sirrii baayyi’isna jechuun hawaasa burjaajeessaan to’annaa jala oolchuu ragaan komishinicharra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.