Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen har’a filannoo diimokiraasii keenya guutuu taasisaan raawwataniiru-M/M Abiy

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad uummanni sababa garaagaraan Waxabajjii darbe sagalee isaa kennuu hin dandeenye jijjiiraa beellamaa boordiin filannoo ka’een diimokiraasii keenya har’aa guutuu taasiseera jedhan.

MM Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, uummattoonni kunneen rakkoon nageenyaa tokkollee osoo hin mudatiin sagalee isaanii kaadhimamaa paartii na fayyada jedhaniif kennuun dirqama lammummaa ba’aaniiruu jedhan.

Haaluma walfakkaatuun Uummatoonni Kibba Lixa Ityoophiyaa Koontaa, Oomoo Lixaa, Beenchi Shekkoo, Kafaa, Dawaaroo fi uummanni Shakkaa bulchiinsa naannoo jalatti buluu barbaadan murtoo isaanii beeksisaniiru.

lammiilee adeemsa diimokiraasiin fedhii isaanii sagalee isaaniitiin raawwachuu danda’aniin baga gammaddan jedhaniiru.

Shaakalliin diimokiraasii kun naga qabeessa akka ta’uuf qaamoleen qooda fudhattan hundi bifa duudhaalee obbolummaa qabatee sirna diimokiraasii sabdaneessa ijaaramaa jiru cimsuuf ashaaraa keessan waan keessaniif Ityoophiyaan isin galateeffatti jedhaniru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.