Fana: At a Speed of Life!

lammiileen Ityoophiyaa 135 Sawud Arabiyaa irraa gara biyya isaanitti deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) – lammiileen Ityoophiyaa 135 Sawud Arabiyaa irraa gara biyya isaanitti deebi’an.

lammiileen Ityoophiyaa 135 Sawud Arabiyaa irraa gara biyya isaanitti deebi’uu Ministeerri Dhimmi Alaa beeksise.

Lammiileen Ityoophiyaa Sawud Arabiyaadha deebi’an kunneen Buufata Xiyyaraa idil addunyaa Boolee wayita ga’an hoggantoonni hojii ministeera dhimma alaa FDRI bakkichatti argamuun simanna taasisaniiru.

Guyyaa har’aa dabalatee torbaan kana keessa Sawud Arabiyyarra lammiileen gara biyya isaanitti deebi’an 389 ga’uu ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma alaarra argame ni muldhisa.

Kamisa dabarsine lammiileen Ityoophiyaa 118 Sawud Arabiyyarra kan deebi’an ta’uu ni yaadatama.

Haaluma walfakkaatuun Kibxata darbe lammiileen 136 Sawud Arabiyaa deebi’uun isaanii kan dagatamu miti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.