Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Yuugaandaa talaallii sobaa vaayrasii koroonaa namootaf laatan to’annoo jala oolan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC)- Lammiileen Yuugaandaa talaallii sobaa vaayrasii koroonaa namootaf laatan to’annoo jala ooluu poolisiin biyyatti beeksiseera.

Yuugaandaatti hanga ammaatti namni vaayrasichaan qabame jiraachuu baatus, abbaa fi ilmi garuu vaayrasicha ni ittisa jechuun namootaf talaallicha osoo kennaanii to’atamaniiru.

Addunyaarratti namoota kuma 3 fi dhibba 8 kan ajjeese vaayrasichi hanga ammaatti talaalliin vaayrasicha ittisuu hin argamne jedhameera.

Namoonni dhunfaa yakka kana hojjetan magaalaa Yuugaandaarraa kiilo meetira 120 fagaattee kan argamtu Maayugee jiraatu jedhameera.

Talallii sobaa kanas hanga ammaatti namoonni meeqa akka fudhatan beekun hin danda’amne.

Dubbi himaan poolisii Yuugaandaa, namoonni dhuunfaa kanneen qoricha vaayrasii kooroonaati jechuun maallaqa guddaa kaffalchiisuun yakkicha raawwachaa turaniiru.

Vaayrasichi biyyoota addunyaa 80 keessatti mul’ateera.

Namoonni kumni 100 ta’an ammoo vaayrasichaan qabamaniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.