Fana: At a Speed of Life!

Lammiin Awustiraaliyaa qubeelaa waggaa 46 dura jalaa bade argatte

Finfinnee, Gurrandhala 17, 2012 (FBC) – Dubartiin Awustiraaliyaa tokko qubeelaa wayita dargaggummaa ishee jala bade waggaa 46 booda argachuun ishii dinqii uumeera.

Qubeelicha waggaa 46 duraa kaadhimaa ishiirraa kan kannameef ture.

waggaa 46 booda baatii sadiin dura naannoo mana jireenyaa isheetii ogeessa sibiloota barbaaduun argameera jedhame.

Gleendaa Obriiyoon kan jeedhamtu bara Faranjoota 1971 wayita umrii shamarrummaa ishee kaadhimaa ishee Filiip irraa kennaan qubeela aragatte akka ta’e himteerti.

Qubeelichi bara Faranjoota 1974 mana jireenya ishii cinaatti osoo konkolaataa dhiqxuu baduun isaa akka hin oolle ni shakkiti turte.

Qubeelan warqii kun maqaa ishee fi kaadhimaa ishee irratti kan barreefamee yoo ta’u, balfa hedduun haguuggamee ture.

Maddi:-www.upi.com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.