Fana: At a Speed of Life!

Lammiin Chaayinaa tamsaasa kallattirratti abiddaan gubattee duute

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC) – Lammiin Chaayinaa tamsaasa kallattirratti abiddaan gubattee duute.

Lammiin Chaayinaa miidiyaa hawaasaan dhiibbaa uumuun beekkamtu, jallattotaa isheef tamsaasa kallattii taasisuuf qophaa’aa otuu jirtuu abbaan warraa ishee gaazii irra firfirsuun akka ishee gubee fi lubbuun ishee akka darbe miidiyaan Chaayinaa gabaase.

Laamuu jedhamuun kan beekkamtu lammiin Chaayinaa kun bakka Tiiktook bakka bu’uun kan hojjetu Duuyuun hordoftoota kuma dhibbaan lakkaa’aman akka qabdu ibsameera.

Akka miidiyaan biyya keessaa gabaasanitti miidhaan isheerra qaqqabe 90% kan ta’u kutaan qaama ishee abiddaan gubateera.

Miidhaa irra ga’ee torbee lamaan booda lubbuun ishee darbeera.

Dhimmi Laamuu Chaayinaatti dubbii ijoo miidhaa dubartootarra ga’uu ta’eera.

Ga’eetti umrii 30 kan taate Laamuun Chaayinaa naannoo Sichiwaan kan jiraattu yoo taatu, viidiyoowwan gammachuu jireenya baadiyaa kan mul’isu lakkisuu kan beekkamtudha.

Ajajan poolisii bulchiinsa Jinchuwaan akka ibsetti namni Taang jedhamuun beekkamu wayita miidhaa qaqqabsiisetti to’atamuu kan ibse yoo ta’u, dhimmichi yeroo ammaa qoratamaa jiraachuu beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.