Fana: At a Speed of Life!

Lammiin Ityoophiyaa saamunaa harkaa bifa huccuu fakkaatuun kalaqe

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Lammiin Ityoophiyaa saamunaa harkaa bifa huccuu fakkaatuun kalaquu ibsame.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaa inni gama hedduun sadarkaa addunyaatti qaqqabsiiseen alattis haala jireenyaa ummataas jijjiireera.
 
Taateen kun harka keenya kan kanaan dura dhiqannu caalaa akka dhiqannu, haguuggii fuulaa yookiin maaskii akka kaawwannu, meeshaalee akka bilbila harkaa keenyaa dafnee dafnee akka qulqulleessinu taasiseera.
 
Keessattuu tibba dhukkubni kun uumamuunsaa dhagahame irra deddeebiin harka siriitti akka dhiqannuuf duula cimaatu gaggeeffamaa ture.
 
Haa ta’u malee, bakkee tokko tokkootti saamuunaan harkaan dhiqachuuf kaa’ame dhabamuun namoonni ni rakkatu.
 
Kanaafu namni haala kana hubate kalaqa tokkoon as ba’ee jira.
 
Kalaqni kunis kalaqawwan Ityoophiyaa keessatti hojjatamuun bara darbe keessa Waajjira abbeentaa biyyattiin galmaa’an saddeet keessaa tokko ta’u, dhaabbatichatti qorataan abbeentaa obbo Geetachaw Xaafaa ibsaniiru.
 
Maddi:- BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.