Fana: At a Speed of Life!

Lammiin Poolaand balaa konkolaatatiin agartuun ijasaa baname

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Balaan konkolaataa lubbuu fi qaama hir’isuun beekama.

Faallaa kanaan lammiin Poolaand agartuunisaa banameefira.

Namichi dhuunfaa kun waggoota hedduuf ifaa xiqqoo xiqqoo ijasaa mirgaatin argaa tureen alatti, agartuu ijasaa gutummaatti dhabeet ture.

Osoo akkanaan jiruu taatee guyyaa tokko isa mudateen ogeeyyota fayyaatti raajii uumera.

Jaanuus Gooraaj namichi jedhamu guyyaa tokko daandii qaxxaamuruuf wayita jedhutti konkolaataa waliin walitti bu’uun miidhaan randasaarra ga’uun hoospitaala seena.

Hoospitaalatti torbee lamaaf wallaansa baqaqsanii yaaluu hordofuun dabarseera.

Turtii isaa hoospitaalatiin guyyaa dhumaarratti agartuun ijasaa banamuun namootaa fi wantoota naannoo isaatti argamu arguu jalqabe.

Dhimmichi haaraa kan itti ta’e namichi waan arge hunda ogeeyyota fayyaatti hime.

Ogeeyyonnis sirnaan arguu fi agartuun isaa banamuu mirkaneessaniiru.

Namichi dhunfaa agartuun ijasaa guutummaatti arguu danda’e, wallaansasaa xumuruun hoospitaalicha keessatti hojii eegumsaatin mindeeffameera.

Ogeeyyonni fayyaa gama isaanitiin agartuun ija namichaa deebi’uufiin balicha walin walitti dhufeenya kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Tariitii wayita wallaanamaa turetti qoricha dhiigni akka hin ititneef ittisuu fi qorichoota garagaraa inni fudhataa tureen banamuu ijasaaf sababa ta’uu hin hafu jedhaniiru.

Maddi:- Odiitii Seentiraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.