Fana: At a Speed of Life!

Lammiin Ruwaandaa ajaja manaa hin ba’inaa cabsee ba’e naachaan nyaatame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Lammiin Ruwaandaa tatamsa’ina vaayrasii koronaa ittisuuf ajaja manaa hin ba’inaa cabsuun qurxummii qabuu deeme naachaan nyaatame.
 
Tatamsa’ina Vaayrasii koroonaa ittisuuf Ruwaandaan lammiileen biyyattii kamuu manaa akka hin bane ajaje dabarsiteerti.
 
Namtichi ajaja tatamsa’ina dhibichaa ittisuuf ba’e cabsee qurxummii qabuuf naannoo laga Niyabaarongotti ganama har’aa naachaan nyaatamuutu ibsame.
 
Biyyattiin namoonni akka manaa hin baane murtiin murteessite ummata biyyattii gara caaluu fi gadadoo keessa jiraatu miidheera jedhame.
 
Ruwaandaatti hanga ammaatti namoota 40 irratti dhukkubni kun argamuu ibsameera.
 
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.