Fana: At a Speed of Life!

Lammileen Keeniyaa qajeelfma Covid-19 cabsan torbee tokkoof bakkeewwan gabaa akka qulqulleessaniif ajajaman

Finfinnee, Bitootessa 14, 2013 (FBC) – Lammileen Keeniyaa 57 qajeelfama fayyaan hawaasaa Covid-19 irratti baase cabsan torbee tokkoof bakkeewwan gabaa akka qulqulleessaniif ajajamuu ibsameera.

Akka adabbiitti daandilee fi bakkeewwan gabaa magaalaa guddittii keessa jiran torban tokkoof akka qulqulleessaniif ajajamaniiru.

Namootni 57’n kun Wiixata mana murtiitti dhiyaatanii ajajni tajaajila hawaasaa magaala qulqulleessuu akka raawwatan itti murtaa’uu himamsera.

Keeniyaa keessatti bakkeetti maaskii uffachuun dirqama ta’us, qajeelfamicha kanneen seeraan hin hordofne jiraachuu ibsameera.

Namootni kun torban tokkoof ganama sa’aatii 2:00 irraa eegalanii hanga waaree booda sa’aatii 11:00tti hojjetu jedhame.

Namoota ajaja kennameef kana hin hordofne ammoo poolisiin irra deebiin to’annoo jala oolchuun adabbii cimaaf mana murtiitti ni dhiyeessa jedhame.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.