Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin Ajajoota Poolisii Olaanoo Biyyoota Miseensa Baha Afrikaaf kennamuu eegale

Finfinnee, Eebla 4, 2013 (FBC)- Leenjiin bobbii dursaa nagaa kabachiisuu ilaalchisee, Ajajoota Poolisii Olaanoo Biyyoota Miseensa Baha Afrikaaf kennamuu eegaleera.
Leenjichi ajajoota poolisii olaanoo Ityoophiyaa dabalatee Yuugaandaa, Komoroos, Jibuutii, Somaalee, Keeniyaa fi Buruundiirraa walitti kan baba’an hirmaachaa jiru.
Akka gabaasaa Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti, leenjichi Yuunivarsiitii Poolisii Ityoophiyaan kennamaa kan jiru wayita tahu, har’aa eegalee hanga Eebla 15, 2013 kan turu tahuu ibsameera.
Daayreekatarri humna eeggata Baha Afriikaa Birgaader Jenaraal Geetaachaw Shifarraw leenjichi nageenyaa, guddina fi misooma waloo naannichaaf gahee qabaachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.