Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin hoggantoota olaanaa Paartii Badhaadhinaa xumurame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Leenjiin hoggantoota Paartii Badhaadhinaa guyyoota 15f magaalaa Adaamaatti kennamaa ture xumurame.

Muummeen Minsitiraa FDRI fi Preezdaantii paartichaa Dooktar Abiy Ahimaad sirna cufiinsa leenjichaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Hoggantoonni ga’umsaan hawaasa isaanii akka tajaajilanii fi akka walbaraniif leenjii kaayyeeffamee laatamaa ture akka ta’e ibsaniiriu.

Leenjichi ga’aadha jedhamuu baatus hoggansi ergamaaf akka of qopheessuu daandii ni bana jedhan.

Hoggansi qophummaa hin qabne biyyaa fi ummata taajiluu hin danda’u ta’u kan jedhan Dooktar Abiy, qajeelfamaa fi tarsiimoo paartichaa hubatee yeroo hunda qophii ta’uutu irra jiraata jedhan.

‘Iddoon isiniif laatame yeroo hunda isin faana waan turuuf itti gaafatamummaa qabdaniin ummata keessan haqummaan tajaajiltanii darbuu qabdu’ jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Fireehiyiwaat Safiitu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.