Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin madaqiinsa sirna barnootaa haaraa irratti barsiisotaaf kennamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2014 (FBC) – Sirni barnootaa haaraan hojiirra ooluuf deemu dhaloota egeree beekumsaa fi dandeettii olaanaa goonfate horachuuf gumaacha guddaa taasisa jedhame.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhimma madaqiinsa sirna barnootaa haaraa irratti barsiisota sadarkaa 1ffaa Afaan Ingilizii fi Afaan Amaaraa barsiisaniif Adaamaatti leenjii Kennaa jira.

Kaayyoon leenjii kanaas qophii sirna barnootaa haaraa irratti barsiisotaaf hubannaa ga’aa ta’e uumuu fi hanqinaalee qophii waliigalaa fi qabiyyee kitaabaa keessatti mul’ate yaadaan gabbisaa deemuufi bara barnootaa 2015’tti qophii guutuu ta’een barnooticha hojiirra oolchuudha jedhameera.

Daayreektarri Daaryeektoreetii Qophii Sirna Barnootaa Biiroo Barnoota Oromiyaa obbo Darajjee Taaddasaa akka jedhanitti, leenjiin madaqiinsaa barsiisotaa fi manneen barnootaa filatamaniif kennamaa jiru kun bara kana yaalii gaggeeffamu keessatti rakkoolee fi hanqinaalee qophicha keessatti mul’atan adda baafachaa deemuu fi dhumarratti ogeessotaan yaanni itti kennamee kitaabni qophaa’u sirriitti akka gabbatu ni taasfama jedhan.

Sirni barnootaa amma hojiirra ooluuf deemu kunis dhaloota egeree beekumsaa fi dandeettii olaanaa gonfate horachuuf gumaacha guddaa taasisuu akka danda’u obbo Darajjeen ibsaniiru.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa kanaan dura wiirtuu afur irratti barsiisota manneen barnootaa yaaliin madaqiinsa sirna barnootaa haaraa keessatti gaggeeffamuuf leenjii kenneera.

Barsiisonni leenjii kanarratti hirmaachaa jiran barsiisota manneen barnootaa sagantaa Afaan Amaaraa fi Ingilizii barsiisan yoo ta’u; kanneen manneen barnootaa yaaliin sirna barnootaa haaraan bara 2014 keessatti kennamuuf filatamanidhas jedhameera.

Barsiisonni leenjii kanarratti hirmaachaa jiran walumatti 800 kan ga’an yoo ta’u, leenjii madaqiinsaa sirna barnootaa haaraa fudhatan sirriitti hojiirra oolchuun kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.