Fana: At a Speed of Life!

Leenjisaa Wubatuu Abaataan taphattoota 5 hir’isan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Leenjisaa Wubatuu Abaataa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa keessaa taphattoota 5 hir’isuun isaanii beekame.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa taphaa gulaallii ramaddii waancaa Afrikaaf Maalaawii fi Ijipti waliin taphatuuf taphattoota 28 waamaman keessa shan hir’ifamuun isaanii beeksiseera.
Kanneen keessaa taphataa sarara gidduu Kilaba Raayyaa Ittisa Biyyaa Biiniyaam Balaay, taphataa sarara gidduu kilaba Kubbaa Miilaa Magaalaa Hawaasaa Wandimmaaganyi Haayiluu, goolii eegaa Kilaba Kubbaa Miilaa Magaalaa Walqixxee Sa’id Habtaamuu, taphataa sarara ittisaa Haadiyyaa Hoosaa’inaa Biraanuu Baqqalaa fi taphataa sarara fuulduraa Habtaamuu Taaddasaa hir’ifamuu isaanii Sookar Ityoophiyaan gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.