Fana: At a Speed of Life!

Leenjisaan Fireew Hayila Gabri’eel leenjisaa olaanaa garee biyyaalessa dubartootaa Ityoophiyaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Leenjisaa Fireew Hayilee Gabri’eel leenjisaa olaanaa garee Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa (Luusiwwanii) ta’uun muudamuu ibsameera.

Leenjisaan Fireew dorgommii Kubbaa Miilaa dubartootaa Seekaafaa guyyoota muraasa booda qopheessummaa Ugaandaan gaggeeffamu Luusiiwwan ni dursu jedhame.

Leenjisaa Fireew Garee Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 20 gadii dursuun Shaampiyoonaa Seekaafaa taasiisuu kan danda’e yoo ta’u, Gulaallii Waancaa Addunyaafis hanga boqonnaa xumuraatti imalchiisuu danda’eera jedhame.

Luusiwwanis dorgommii Seekaafaan akka milkaa’aan Federeeshiniin Kubbaa Miilaa itti gaafatamummaa laateefiira.

Dorgommii Seekaafaa Caamsaa 14 – 14tti gaggeeffamurratti gareen biyyaaleessaa biyyoota Afrikaa 8 kan hirmaatan yoo ta’u, Ityoophiyaan ramaddii 2ffaa keessatti Taanzaaniyaa, Zaanziibaar fi Sudaan Kibbaa waliin ramadamuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.