Fana: At a Speed of Life!

Leenjitoonni jiddugalichaa weerara koroonaa ittisuuf maatii isaaniitti deebi’an

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) – Leenjitoonni Jiddugala Leenjii Atleetiksii Atleet Xiruunash Dibaabaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf maatii isaaniitti deebi’an.

Jiddugalichis akkaataa kallattii mootummaa barattoonni yuunvarsiitii maatii isaaniitti akka deebi’an kaa’en, leenjitoonnisaa maatii isaanii bira akka turan murteessera.

Amma magaalaa godina nananoo jireenya isaaniitti konkolaataa mijeessuun, tuttuqqiirraa bilisa ta’anii nagayaan akka galan gaggeessera.

Ogeeyyiin fayyaa jiddugalichaas imalarratti tumsa akka taasisan taasifameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.