Fana: At a Speed of Life!

Leetenaal Jeneraal Asraat Denneeroo fi hooggantoonni olaanaa Raayyaa Ittisaa Hidha Haaromsaa daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Ajajaan olaanaa Humna Lafaa Leetenaal Jeneraal Asraat Denneeroo fi hooggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisaa akkasumas hooggantoonni olaanoo mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz ijaarsa Hidha Haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa daawwataniiru.

Hoji gaggeessaan hidhichaa Injiinar Kiflee Horroon, milkaa’ina proojektichaaf raawwii dirqamaa boqonnaa malee raayyaan ittisaa bahachaa jiruuf dinqisiifachuun galateeffataniiru.

Jeneraalichi daawwanichaan, proojektii hidha haaromsaa gufachiisuuf yaaluun Ityoophiyaanoonni dhimma biyyasaaniirratti qaama kamiinuu waliin mariif kan hin teenye ta’uu beekuu dhabuurraa kan maddu ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsa hidhichaa gufachiisuuf qaamoleen alaa fi keessaa socho’an gochisaanii kan hin milkoofneef ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.