Fana: At a Speed of Life!

Liigiin dargaggoota paartii Badhaadhinaa deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf walitti qabe Birrii miiliyoona 10 kenne

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Liigiin dargaggoota paartii Badhaadhinaa raayyaa ittisa biyyaa deeggaruu fi jajjabeessuuf deeggarsa dargaggootarraa walitti qabe Birrii miiliyoona 10 dabarsee kenne
Deeggarsicha kan fuudhan Fiildmaarshaal Biraanuu Julaan dargaggoonni Ityoophiyaa goototaa fi biyya kan eegan ta’uu ibsaniiru.

Dargaggoonni deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf taasisan cinaatti adda waraanaatti duuluun biyyasaaniif wareegamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hunduu kan jiraatu raayyaan ittisa biyyaa biyya eegu waan jiruuf ta’uu ibsuun Ityoophiyaanonni tokkummaa isaanii eegsisuun raayyaa ittisa biyyaa cimsuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Deeggarsicha dabarsanii kan kennan waajjira olaanaa paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee qindeessa paartilee siyaasaa Dooktar Alamuu Simeen gamasaaniin, dargaggoonni biyya isaanii eeguun deeggarsa isaanii qabatamaan agarsiisaniiru jechuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.