Fana: At a Speed of Life!

Liivaar Puul waggaa 30 boodaa waancaa Priimiyar Liigii moo’ate

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Liivaar Puul waggaa 30n boodaa abbaa waancaa Priimiyar Liigii Ingilaand bara 2019/20 ta’uu mirkaneeffate.
 
tapha Priimiyar Liigichaa torbee 31ffaan, Liivaar Puul Kiristaal Paalaas 4-0 yoo injifatu morkataa isaa kan ture Maanchiisteer Siitiin ammoo Cheelsiin injifatameera.
 
Cheelsiin guyyaa kaleessaa dirree isaarratti Maanchiisteer Siitii keessummeessuun 2-1 ijifateera.
 
Roobii darbe Kiristaal Paalaas 4-0 ijifachuun,bu’aa tapha Siitii eegaa kan ture Liivaar Puul,Siitiin moo’atamuu isaan abbaa waancaa ta’uu danda’eera.
 
Liivaar Puul taphoonni Priimiyar Liigichaa 7 osoo hafu qabxii 86 abbaa waancaa ta’uu mirkaneeffateera.
 
Cheelsii fi Liisiteer Siitiin ammoo hirmaannaa Shaampiyoons Liigii argachuuf morma walqabaniiru.

Liivaar Puul bara Faranjootaa 1990 shaampiyoonaa liigichaa ta’ee ture.

 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.