Fana: At a Speed of Life!

Liivarpuul Mo Saalaa tapha garee biyyaalessaaf gadi dhiisuu dide

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Waldaan Kubbaa Miilaa Gibtsi Liivarpuul Mohaammad Saalaa biyyattiitti erguuf eeyyamuu akka dide beeksiise.
Mohammad Saalaan tapha garee biyyaalessaa Gibtsi Waancaa addunyaaf darbuuf ji’a dhufu keessa taasisurratti hirmaachuuf ture akka gara Gibtsi imalu kan gaafatame.
Kilabiin kubbaa miilaa Liivarpuul Mohaammad Saalaan wayita Gibtsi irraa gara Ingilaand deebi’u guyyoota 10’f adda of-baasee turuu waan qabaatuuf tapha hedduurraa hafa.
Liivarpuul urjiiwwan Biraaziil Rbertoo Farminoo, Allisoo fi Faabinhoon, gara biyyasaanii imaluun garee biyyaalessaa isaaniitti makamuu hin eeyyamne ta’uu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Kilaboonni Awurooppaa hedduun biyyoota weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa hammaataarra jirutti taphattoota isaanii erguuf fedhii hin qaban jedhame.
Tarkaanfiin kun dorgommiin Waancaa gulaallii addunyaa taphattoota ciccimoo malee akka gaggeeffamu taasisa jedhameera.
FIFAN baatii darbe kilaboota taphattoota garee biyyaalessaaf gadi dhiisuu didan irratti falmii kaasee ture.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.