Fana: At a Speed of Life!

Liqiin baankonni kennan haqa qabeessaafi fayyadamummaa namoota hedduu kan mirkaneesse ta’uu qaba- Obbo Maammoo Mihiratuu

Finfinnee, Caamsaa 20, 2015(FBC)- Liqiin baankonni kennan haqa qabeessaafi fayyadamummaa namoota hedduu kan mirkaneesse ta’uu qaba jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuun.

Yeroo ammaa baankonni dameelee kuma 11 ta’an qaban 31 guutuu biyyattii keessatti tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Baayyachuun dameelee baakoota teekinooloojii ammaayyaan dabaalamee waliingahiinsa faayinaansii babal’isuurra darbee qabeenya maallaqaa qusannaafi invastimantiif oolu raabsuun ijaarsa diinagdee keessatti gahee olaanaa bahachaa jirachuu ibsaniiru.

Baankonni hanga xumura baatii Bitootessaa 2015tti lakkoofsa herrega kuufamaa miiliyoona 123.8 banuu yaadachiisuun, maallaqa kuufamaa Birrii tiriiliyoona 2.06 ol sassaabuu kaasaniiru.

Hangi liqii baankonni walitti qaban rakkoolee tokko tokko haa qabaataniyyuu malee yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa dhufuu ibsaniiru.

Haalli liqii baankonni kennan haqa qabeessaafi fayyadamummaa namoota hedduu kan mirkaneesse akka ta’uuf keessumaa damee oomishaa akka deeggaruuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.