Fana: At a Speed of Life!

Lixa Oromiyaatti galmeen filattootaa haala gaariin gaggeeffamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Godinaalee Lixa Oromiyaatti galmeen filattootaa haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Akka OBN gabaaseetti,adeemsi galmee filattootaa filannoo marsaa 6ffaa yeroo dhiyoo keessa kan eegale Godinaalee Lixa Oromiyaa arfan keessatti haala gaariin gaggeeffamaa jira.
Haala gabatee yeroo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa galmee filattootaaf kaa’een godinaalee Oromiyaa heddu keessatti adeemsi galmee filattootaa gaggeeffamaa turus, godinaalee Lixa Oromiyaatti sababa rakkoo nageenyaan baatii 1 fi walakkaaf booddeetti hafuun eegalamuun isaa kan yaadatamuudha.
Godinaaleen Lixa Oromiyaa arfan galmee filattootaa akka raawwataniif Boordiin Filannoo biyyaalessaa Eebila 29 – Caamsaa 13, 2013 akka gaggeeffamu murtoo dabarseen haala gaariin raawwatamaa jiraachuu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.