Fana: At a Speed of Life!

Liyooneel Meesiin Intar Maayamiitti imaluufi

Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Urjiin kubbaa miilaa Arjantiinaa Liyooneel Meesiin kilabaa isaa Faransaay PSJ gadi lakkisuun garee Kubbaa miilaa Ameerikaa Intar Maayamii seenuufi.

Gara Intar Maayamiitti imaluun Meesii Awurooppaan alatti taphachuuf kan jalqabaa taasisa.

Gara Sa’udii Arabiyaatti imaluun Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Kaarim Beenzeemaa fa’aatti makamuuf hawwii qabaatullee, kaffaltii maallaqaarratti waliigaluu akka hindandeenye eerameera.

Ganna kana gara Baarseloonaatti deebi’uuf fedhii qabaatus, daangeffamni faayinaansii bara dhufuu Laaligaa irratti ka’u, garaas akka hindeebine taasisuu BBC’n gabaaseera.

Meesiin bara 2021 waggootaa 21 booda sababa rakkoo maallaqaa Barseloonaa mudateef kilabicha gadi lakkisuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.