Fana: At a Speed of Life!

Loltoota Ityoophiyaa nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaaf shoora bahaaniif badhaasni meedaaliyaa kabaja laatame

Finfinnee, Eebila 25, 2013 (FBC) – Somaaliyaatti humna nageenyaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti kan argaman loltoota Ityoophiyaa nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaaf shoora bahaaniif badhaasni meedaaliyaa kabaja laatameera.

Badhaasichi loltoonni Ityoophiyaa turtii wagga fi baatiwwan 6 Somaaliyaatti taasisaniin  biyyattitti nageenyaa fi tsaggabbii buusuuf tattaaffii taasisaniif beekkamti laachuuf kan kaayyeefateedha jedhameera.

Loltoonni Ityoophiyaa Alshabaabiin barbadeessuuf duula gaggeeffameen loltoota Jibuutii fi Somaaliyaa waliin dirqamaa isaanii kan ba’aniidha.

Ajajaan waraanaa Somaaliyaatti humna nageenyaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Koloneel Abdirraahimaan Haareed, loltoota Ityoophiyaa nageenya Somaaliyaa eegsisuuf shoora bahataan galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.