Fana: At a Speed of Life!

Lubbuu namaa balaa tasaan darbu hri’iisuuf qindoominaan hojjetamuu qaba – obbo Oordiin Badirii

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti lubbuu namaa balaa tasaan darbu hir’isuuf qindoomninaan hojjetamuu akka qabu Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin ibsan.
 
Naannichatti sagantaan kunuunsa dhukkubsatota wallaansa cimaa fooyyeessuf gaggeeffame.
 
Uwwisaa tajaajila fayyaa qulqullina qaba mirkaneessuu cinaatti lubbuu lammiilee sababa balaa tasaan darbuu fi miidhaa qaamaa ga’u hir’isuuf qindoominaan hojjechuuun Murteessaa ta’uu Preezdaantiin naannichaaa obbo Oordiin Badirii ibsaniiru.
 
Yaalli kunuunsa wallaansa cimaa daraan barbaachisaa ta’us xiyyeeffannoo hin argannee jedhan.
 
Sagantaan fooyya’iinsa kunuunsa wallaansa cimaa kun eegaluun magaala Hararii dabalatee Baha biyyattiif faayidaa olaanaa qabaaachuu eeraniiru.
 
Galma ga’iinsa sagantaa kanaaf mootummaan naannoo Hararii deeggarsa barbaachisu hunda ni taasiisa jedhan.
 
Sagantaan kun yeroof Ambuulaansoota 5 kan eegalu yoo ta’u yeroo itti aanu giddugala of danda’een balaa tasaaf deebii hatattamaa laachuuf ni hojjetama jedhan.
 
Tashoomaa Hayiluutu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.